Albert Einstein Guyyaa Tokkotti Alsadi Dhiitame

Hayyuun beekkamaan Albert Einstein guyyaa tokkotti alsadi dhiitame.Taateen suni akkana ture gaaf tokko Albert magaalaa keessa osoo deemuu dargaggoota taa’aranitti dhufee bira darbee deemsa isaa itti fufe yeroo sanatti Albert Einstein nama beekkamaa yeroo sanaa waan ta’eef dargaggoonni fageenyarraa isa argaa turan isa qalbeeffachuun itiin ulfaanne.Yeroo isa argan arrabsoofi hamii eegalan ‘ilaali mee nama beekkamaa dha garuu lukaan deema ‘jechuun itti kolfuu eegalan. Osoodhuma arrabsoo isaatti jiranii dargaggeessi tokko isaan keessaa ol ka’uun fiige dudduuban Albert tiin dhiita Albert garuu calliseetuma imala isaa itti fufa dargaggeessichis ilaala mee kuni sodaattuudha jedhe ammas al lammaffaaf dhiitan Albert garuu dargaggeessicha ofirraa dhoorguun hafee ofi duubayyuu gargalee ilaaluuf hayyamamaa hin turre.Gocha Albert kana akka sodaatti kan fudhatan dargaggoonni kunniin ammas al sadaffaaf akka inni dhiitu hiriyyaa isaaniitti himan sana booda dargaggeessichis ammas fiige dudduubaan Albert dhiite biraa deebi’e. Namoonni fageenyarraa taatee kana argaa turan gocha dargaggeessichaa kanatti hedduu kan aaraniifii callisuun Albert kuni sababbiinsa maal akka ta’e baruuf  gara Albert dhufuudhaan maaliif dargaggeesicha ofirraa hin dhoorgitu osoo dhuma ati argitu alsadi si dhiite mitii maaf ofirraa hin falmattu ? ni sodaatte moo jechuun gaaffii dhiyeessaniif.Dhuguma taateen suni taatee ajaa’ibaa ture atis kan barreeffama kana dubbisaattu gochi Albert kuni akka si ajaa’ibsiiseru shakkiin qabu mee deebii Albert kana wajjumaan haa ilaalluu.Gaaffii namootaaf deebii yoo kennu Albert Einstein akkana jechuun eegala “ani osoo dhuma dargaggeessi kuni na dhiitu kaniin calliseef sodaadhees miti akkasuma dhukkubbiin natti dhagahamuu dhabees miti ganama yeroo manaa bayuu iddoo kana gahuun qaba sa’aatii hamma kana keessatti jedheen imala koo eegale iddoo kaayyoo koo yeroo jedhe keessatti qaqqabuun immoo dirqama kiyya ani yoon dargaggeessicha wajjiin waldhaansoo walqabe sa’aatii barbaadetti iddoo kaayyoo koo gahuu hin danda’u sa’aatiin koo ni gubata kanaafan callisee imala koo irratti xiyyeeffadhe” jechuun deebiseef sana booda namoonni ammas eega akkas ta’e maaliif seeratti hin himattu ree jechuun gaaffattan.Albert Einstein gaaffi kanaaaf deebi yeroo kennu akkas jechuun eegale “Addunyaa kanarra manni murtii harree itti himatan hin jiru silaa osoo manni murtii harree itti himatan jiraate anis gurbaa sana dhaddacha dhaabeen isa himadha ture” jechuun imala isaa itti fufe.Seenaa kanarraa akka naaf hubattan kaniin barbaaduu imala isin karaa milkaa’inatti taasiftan keessatti tarii gufuuleen hedduu isin mudachuu danda’u garuu xiyyeeffannaan keessan yeroo kamuu galma kaayyoo keessanii irratti tahuu qaba.Mee ergaa koo kana sirritti akka naaf hubattaniif ammas seena tokko isiniif haa qoodu guyyaa keessa gaafa tokko Hoogganaan biyyaa tokko dargaggeessa tokkoon bishaan birciqqoo tokkotti guutee itti kennuun dargaggeessichi bishaanicha sana qabatee  akka tulluu guddaa naannawa sana jiru gubbaa naanna’ee deebi’u ajaja.Ajajini hooggantichaa kuni dhuguma ajaja ulfaata ture sababbiinsa bishaanichi xinnoonille irra jige taanan dargaggeessichi ni ajjeefama ture.Ilaali mee bishaan birciqotti qabatanii osoo xinnoonillee irraa hin jigin tulluu gubbaa bayanii deebi’uu. Osoo si ta’ee dhuguma ajaja kana raawwachuu ni dandeessa moo du’aaf ofi qopheessita mee sammuu kee ofi gaafadhu.Gara seenichatti yoo deebinu dargaggeessichi lubbuu ofii du’arraa baraaruuf jecha ajaja fudhatee bishaan birciqqoo guutuu qabatee tulluu gubbaa bayuuf imala eegale namoonni naannawa sana jiran dargaggeessichi ajaja kana milkeessuu tasuma hin danda’u filannoon isaa du’a qofa jechuun booyuu eegalaniiru kanuma keessa turtii sa’aatii muraasaa booda taateen addaa raawwatame dargaggeessichi tulluurra naanna’ee yeroo deebi’u mul’ate!! Taate kana amanuun kan itti ulfaate Hooggantichiif ummannis dhuguma bishaan osoo hin jigsin qabatee dhufaara moo birciqqoo duwwaadhaan dhufaara kan jedhu gaaffii guddaa isaanitti ta’e osoodhuma isaan ilaalan dargaggeessichi bishaan birciqqoo guutuu qabatee gara mootiitti deebi’e.Taatee kana amanuun kan itti ulfaate mootummaan biyyaa akkana jechuun dargaggeessicha gaaffii gaaffate yeroo tabba baatu sana tulluu gubatti qeerransa mukatti hidhameeru isa si nyaachuuf harqaaru tokko argitee jechuun gaafate dargaggeessichis lakka yaa mooti karaa koo gubbatti ani qeerransa hin agarre jechuun deebiseef ammas mootichi ittuma fufuun tulluu sana duubatti namoota shiftaa ta’an kan Eboo qabatanii si waraanuuf ija sitti baasaa turan argitee jechuun gaafate dargaggeessichis ani kara koo gubbatti wamaa hin agarre jechuun deebiseef ergas booda mootiin akkamitti qeerransas shiftootas warra lubbuu kee balleessuuf daandii kee gubbaa jiran arguu dhabde jechuun gaafateen deebiin dargaggeessichaa deebii ajaa’ibaa ture ani erga imala koo kan tulluu gubbaa bayuu eegalee xiyyeeffannoo ko bishaanumarra gochuun bishaanichi xinnoonillee yoo jige gatii lubbuu koo dhabuuf jecha akkuma bishaan hin jigne bishaan ilaala ture tasuma gara biroo hin mil’anne jechuun deebiseef.Gochasaa kana kan dinqisiifate mootichi suni lubbuu isaas du’arraa hanbisuun badhaasota adda addaa kenneefi.Seenaa kanarraa akkuma hubannu dargaggeessichi suni osoo xiyyeeffannoo isaa sana bishaan irra gochuu dhiisee waan biroo irra godheera ta’ee bishaanichi sababa harkaa jiguuf sila lubbuusa du’aan dhabaara ture kanaaf atis seenaa kana kan dubbisaattu haala kamiifii bakka kamittuu xiyyeeffannaa kee kaayyoo keerra akka gootun dhaamsa koo har’aati .

Leave a Comment