George Dantzig jedhama akka lakkoofsa awurooppaatti bara 1914 biyya Ameerikaa kutaa Poortiland Oreegon jedhamutti dhalate gaafa umuriinsaa barumsaaf gahu barumsa isaa achumma biyya Ameerikaatti eegaluun turtii waggootaa booda barnootasaa sadarkaa lammaffaa xumuruun Yuuniveristii Maarlaanditti barnoota sadarkaa olaanoo eegale.osoo barnootasaa irra jiruu gaaf tokko taateen addaa isa mudate dhuguma seena barnoota herregaa keessatti taatee bu’aa guddaa buuse ture taateen suni .gaaf tokko ganama barfatee daree yoo seenu gaaffilee lama gabatee gubbatti kan barraa’aniiran argee dabtara isaa irratti barreeffatee gale gaaffilee kanneen barsiisichi hojii manaa akka barattootaaf kenneeruutti kan hubate George Dantzig irra deddeebi’uudhaan erga dalagee booda gaaffilleen hammam ulfaatoo ta’anis deebii sirrii argachuun barsiisichatti fide.barsiisichi deebii isaa ilaalee waan ijasaan argu amanuun itti ulfaate sagalee ol kaasee George milkoofteetta jedhe ani gaaffilee kanneen kutatti kan barreesseef seena barnoota herregaa keessatti gaaffilee deebii hin qabne ta’uu akka beektaniif malee haa hojjataniif miti ture eeyye gaaffille deebii hin qabne turan akka deebii hin qabnes barattootatti himeen kutaa baye har’a garuu atii gaaffii hayyuun herregaa kumuu deebii dhabeef hojjachuun deebii sirrii wajjiin fidde baga gammadde baga milkoofte jedheen barsiisaan isaa.
Seena kanarraa akka naaf hubattan kaniin barbaadu gonkuma ani waan kana milkeessuu hin danda’u ilaalcha jedhu sammuu keessan keessaa balleessuun yaada nan danda’a jedhuun sammuu keessan akka naaf haarawoomsitanin barbaada.barsiisichi kutaa keessatti yeroo barsiisu gaaffileen kunniin deebii hin qaban jedhee barattootatti waan himeef tokkoon isaaniituu gaaficha dalaguuf hin yaalle akka hin dandeenne sammuu isaanii amansiisaniiruGeorge garuu barfatee waan dhufeef jecha barsiisichaa hin dhageenye ture gaaffiin sunniin hujii manaa barattootaaf kennaman waan itti fakkaateef salphamatti akka danda’u sammuu isaa amansiisuun gaaffii hayyoonni herregaa dalaguu dadhaban mucaan qaxaleen yeroo sanatti barataa Yuuniversiitii ture deebii sirrii dalaguun seenaa herregaa keessaatti galaa dhalootaaf kaa’ee darbeera.kanaaf atis kan ergaa kana dubbisaattu ilaalchaa hin danda’u jedhu akka ammuma sammuu kee keesssaa haqxun barbaada na amani waan kamuu milkeessuufi gahumsas beekkumsas dandeettiis ni qabda.