Dubbisaa Ta’uu Barbaaddaa?

Eega dhala namaa ta’ee namni dubbisaa ta’uu hin barbaanne ni jira jedhee hin yaaduu kanaafan gaaffii koofis deebiin keessan eeyyen akka ta’u nan amana hundi keenya dubbisaa tahuu ni barbaanna garuu akkamitti dubbisaa taana ?deebiisaa barruu kana keessaa argattuu hamma xumurattii dubbisaa .

Dhalli namaa uumamaan fedhii waan haaraa qalaquu fi fedhii waan haaraa barachuu qaba kuni immoo kan ta’u yoo dubbifne qofa kanaaf qabxiilee akka dubbisaa taanu nu taasisan kanneen armaan gadii wajjiin haa ilaallu.

1.Dubbisaaf Beellama Qabadhu; qabxiin kuni dubbisa qofaaf osoo hin taane wantoota biroofis hedduu nu barbaachisa waan dalaguu qabnu tokko sa’aati kanatti raawwachuu qaba jenne murteessuu qabna. murteessuu duwwaa osoon taanee sa’aatii murteessine sanatti raawwachuus qabna dubbisas taanaan.yeroo hedduu waan dubbisuuf karoorfanne sana iddoo mul’atu osoo kennee filatamaadha .kitaabicha iddoo mul’atu kaa’uun yeroo argine akka karoora dubbisuu qabnu akka yaadannuuf nu gargaara.

2. Amaloota nurraa hin hafneen walqabsiisuu; qabxiin kun qabxii ijoodha dhuguma fedhii dubbisaa qabda taanaan akkuma barruu kana dubbifteen qabxii kana hujitti akka hiiktun barbaada.amaloota nurraa hin hafne jechuun Amaloota dhaabbataa dhalli namaa raawwatu kanneen akka hirriba rafuu,nyaata nyaachuu ganama hirribarraa yoo kaatu fuula dhiqachuu fa’aan walqabsiisuu qabda.na amani mee galgala hundaa akkuma irribaata kee nyaattee kaateen kitaaba fuula lama ykn sadi ammas ganama yeroo hirribarra kaate akkuma fuula kee dhiqattee kaateen kitaaba fuula lama ykn sadi dubbisi kana jechuun guyyatti fuula afuri ykn jaha dubbisi.gocha kana yoo xiqqaate guyyoota digdamii tokkoof raawwadhu eeyye guyyoota digdamii tokkof osoo addaan hin kutin raawwadhu bu’aasa ni garta obboleesso. akkuma irribaata laaqana fi hirriba kee hin daganne dubbisas hin dagattu sana booda irbaata kee nyaattee yoo rafuuf jettu sammuun kee hirriba dura dubbisuu akka qabdu si yaadachiisa yeroo sana hirriba rafuun dura dubbisuu dirqama ofitti gooteetta waan ta’eef kaatee dubbifta.na amani yeroo gabaabaa keessatti dubbisaa ajaa’ibaa tahuuf jirta.

3.Baay’inna murteessuu;qabxiin kunis qabxii ijoodha osoo dubbisa hin eegalin baay’ina wanta dubbiftuu dursii murteeffadhu.fakkeenyaaf guyyatti fuula lama dubbisuu qabda taanaan yoo dhuma haalli ulfaatan si mudates fuula lama sana dubbisuu akka qabdu ofi amansiisii raawwadhu. hubachiisa guyyatti fuula lama dubbisuuf karoorfatte yoo ta’e gonkuma guyyatti fuula lamaa gadi dubbisuu hin qabdu garuu immoo fuula lamaa sanaa oli dubbisuu ni dandeessa.

Waaraabaafetti guyyatti fuula dhibba tokkoo hamma dhibba lamaa dubbisa.

Waaraabaafetti

4.Kitaaba hin xumurre hin eegalin; yeroo hedduu namoonni kitaaba dubbisuu qaba jedhanii dubbisa eegalanii turtii guyyoota muraasa booda yeroo isaan dubbisa addaan kutan argina.hubadhu akkuma barataan herregaa tokko osoo gaaffilee ulfaatoo dandeetti herregaa nama barbaachisan dalaguuf dursee qooyyaboota bu’uura arfan beekuu qabu atis kitaaba dheera dubbisuuf dursa kitaabbota gaggabaaboo yeroo gabaabaa keessatti xumurtu irraa eegaluu qabda dubbisa kee.

5.Sooshaali Miidiyaa Banuu Dhiisuu ‘Don’t Use Social Media While Reading’;yeroo ammaa kanttii qaroominni tekinoloojii bakka ni gaha jedhanii yaaduun nama dhiburra gaheera.jaarraa qaroominaa keessa jirra jarraa kana keessatti sooshaal miidiyaan keessattu biyya keenya keessatti bu’aasarra miidhaan isaa caaleera. sooshaal miidiyaa kanneen bu’aadhaaf kan itti fayyadaman namoota muraasa.bifa nama gaddisiisuun hedduun Dargaggoota biyya keenya waanuma bu’aa hin qabne daawwataa sa’aatii isaanii fixu. obboleessa koo kana yoon jedhu sooshaal miidiyaan bu’aa hin qabuu gonkuma hin fayyadamin jechuu koo miti akkuma miidhaa qabu bu’aas qaba kanaafu ati bu’aa isaa qofatti fayyadami.garuu yeroo dubbiftu soochaal miidiyaa gonkuma hin banin xiyyeeffannoo kee dubbisarraa si hata gatii ta’eef.hubadhu luka lama qabaataniif muka lama hin koran jedha Oromoon Kanaafuu yeroo dubbisaatti xiyyeeffannoo kee dubbisumarra godhi.

6. Maaf Akka Dubbiftu Beeki ; dubbisa qofa osoon taane waan dalagdu kamuu maaliif akka dalagdu beekuun dirqama.

7.Xumura Isaa Mi’eeffachuu; kitaaba tokko dubbiftee yoo xumurte akka nama waan guddaa raawwateetti ufi ilaali eeyye dhuguma waan guddaa raawwatteeta ufiin booni. erga kitaba tokko xumurteen boodde osoo isa itti aanutti hin darbin dursa ufi badhaasi.eeyye ufi badhaasni jedha.akka miirri gammachuu sitti dhagayamu iddoo bashannanaa deemi namoota jaallattuun wal argi,nyaata jaallattu nyaadhu.tarii yoon akkana jedhu waan salpha sitti fakkaachuu mala garuu akkas miti.yeroo jireenya keenya keessatti waa milkeessine ofi badhaasuun keenya akka sammuun keenya imala itti aanuufis sirritti ufi qopheesu nu taasisa.

Qabxiilee armaan olitti tarreessine kanneen hujitti hiiknaan na amani Ati Dubbisaa Ajaa’ibaati

Leave a Comment