Gosoota Arfan Namoota “Genius”

Namoonni hunduu waan irratti dandeettii qaban qabu .yeroo hedduu yeroo maqaan “Genius” jedhamu yeroo kahu namoota akka Toomaas Edsan,Albert Enistain faatuu sammuu keenya keessa dhufa dhugaan jiru garuu akkas miti hundumti keenya waan irratti “Genius” taane qabna.

Fkn akkuma Elbert Enistian faa nus waan irratti “Genius” taane qabna .

Fkn akkuma Albert Enstain faa daandeettii waan haara xiinxalluun waa kalaquu qaban akkuma Abbabaa Biqilaa dandeettii fiigichaa qabu akkuma Kiristi’anoo Ronaldoon dandeettii kubbaa miilaa taphachuu qabu atis kan ergaa kana dubbisaattuu dandeettii mataa keetii wayii akka qabdu shakkii tokko malee sitti himuun barbaada . dandeettiin sun maalii ?deebiisaa barruu armaan gadii keessaa argattaa hamma xumurattii akka dubbiftu si affeera .

Akkuma mata duree gubbatti ibsuuf yaaleetti dhalli namaa kamuu waa malee biyya lafaa kanarratti hin dhalanne.Rabbiin biyya lafaa kanarratti kan nu uumeef eegaa gabbartii isaatii waan ta’e wayii irratti dandeettii nuu kenneeti waan sanarratti immoo bu’aa buufnee haa dabarruuf eegaa dandeettiin keenya maalii ? nuti maal irratti “genius” dha ?

Akka qorannoon tokko agarsiisutti namoonnii “genius” jedhaman bakka afuriitti qoodamu .tokkoo tokkoon amaloota namoota kanneenii wajjiin ilaallaa akkasumas isin garee isa kam jalatti akka ramadamtan hubattuu hamma xumurattii akka dubbisittan isin affeera.

Namoonnii “genius” addunyaa kanaa bakka gurguddoo afuritti qoodamu .isaanis

1.” Dynamo genius“namoonni gosa kanaa warroota Addunyaaf waan haaraa kalaquuf carraaqaniidha .xiyyeeffannoonni isaanii guddaan waan haaraa asi dura Addunyaa gubbaaa hin jirree qalaquun rakkoo hawaasaa furuudha .asi biratti seenaa nama tokkoo kan Addunyaan guutuun bu’aa hujiisaatti fayyadamutti jirtu isiniif kaasuu barbaada innis hayyuu saayinsii TOOMAAS EDSAN jedhama fulbaana 11,1847 dhalate .daa’imummaa isaatti gaaf tokko taateen inni hin eegin tokko isa mudate taateen sunis akkana ture Harmeen isaa ishee isa deettee guddifte kan inni akkaan jaallatu dhibee hamaan qabamte.ergas booda ogeessi fayyaaa dhufee harmeensaa fayyuuf dirqama yaalii baqaqsanii yaaluu akka ishee barbaachisu itti hime.dhibeen harmeesaa yaalii baqaqsanii hodhuutin kan fayyuun danda’amu tahus yeroo sanatti yaaliin baqaqsanii yaaluu ifa aduutiin ture kan gaggeeffamu .garuu harmeen EDSAN kan dhibaman halkan ture kanaafuu ogeessichi hamma aduun baatuuf eeguun dirqama itti ta’e kan nama gaddisiisuu harmeen EDSAN osoo lafti hin bari’in osoo aduun hin bayin adduunyarraa boqotte.taateen kuni taatee jiruu EDSAN Jijjiire ture .du’a harmeesaatiin hedduu kan gadde EDSAN yaaliin fayyaa aduu eeguun gaggeeffamuu kuni bu’a qabeessa akka hin taaneef wanta halkanis ifu kalaquu akka qabu murteesse rakkoo kanaaf furmaata waan tahu ifaa ‘bulb‘ ammaa addunyaan itti fayyaadamtu kana kan kalaqe EDSAN .kanaafuu namoonni “Dynamo genius” jedhaman namoota akkanaati.namoota waan asi dura hin jirre uumuun rakkoo hawaasaa furaniidha .

TOOMAAS EDSAN

2. “Bless genius“warroonni kuni immoo namoota salphatti namaan waliigaluu danda’aniidhaa .namoonni kunniin salphumatti amala namootaa haala jireenya isaaniif kkf adda baasuun hubachuu danda’u .akka qorannichi ibsutti warroonni kunniin saayinsii waayee saayikoloojii osoo baratanii salphatti bu’a qabeeyyii tahu.

3 “Tempo genius” warroonni kunniin immoo warroota fageessanii yaadaniidha.hammami haala ulfaataa keessa jiraataniyyuu abjuu saanii milkeesuurraa abdii hin kutatan.fkn Baaraki Obama,Neslan Mandellaa,Mahtama Gaandii,fi Martiin Luuzer faa warroota kanneen keessatti ramadamu.NESLAN MANDELLAAN abjuu ummata Afrikaa Kibbaa sirna gita bittaa Appartaayidii jalaa baasuu qaba ture.abjuu kana milkeessuuf wareega guddaa kaffaleera .waggaa 27 hidhaadhaan dabarseera .waggaa hamma kana hidhamuun garuu abjuu isaarraa akka abdii kutatu isa hin taasifne .dhumarrattii abjuu isaa mirkaneeffateera .erga waggaa 27 hidhamee booda mana hidhaarraa bahuun peresdaantii jalqabaa ummata gurraacha Afrikaa kibbaa tahuu danda’eera .

NESLAN MANDELLAAN

4. “Still genius” warroonni kunneen immoo wantoota xixiqqoof bakka guddaa qabu waan nuti akkuma salphatti bira dabarru isaan garuu xiyyeeffannoo kennanniifii xiinxalu fkn odeeffannoo xixiqqoo walitti qabuun biilliyeenara Addunyaa kanneen tahan keessaa abbaa website beekkamaa addunyaa kanaa “google“kan tahe Sarjiwu Pilii fii dargaggeessa abbaa fuula ykn toora feesbuukii Marki zukisberg akka fakkeenyaattii kaasuun ni danda’ama .kanaafuu huji maneen guddaan kan isiniif tahuu qabu maal irraatti dandeettii akka qabdan beekuufii waan tahuu barbaaddan sani irratti wareega kaffaluun barbaachisu kaffaluudha .

HUB;sammuun dhala namaa waan nuti irra deddeebiin itti himnu ‘save’godhee gara gochaattii jijjiira waan ta’eef yoomiyyuu taanaan yaada ani waan kana milkeessuu danda’a jedhu ‘I can succeed it’ sammuu keessatti irra deddeebiin himaa .

Leave a Comment