Jireenya keenya keessatti yeroo hedduu ofitti amanamoo tahuu ni barbaanna garuu immoo akkamitti ofitti amanamoo taana kan jedhu rakkoo namoota hedduu akka ta’e nan hubadha. har’a rakkoo kanaaf furmaata waan isiniif ta’u barruu kana keessatti qabadheen isiniif dhufe jira hamma xumuratti dubbisaa.namoonni hedduun ufitti amanamummaan dhalootaan akka nuuf kennametti hubatu isaan kaani immoo barnoota qofaan akka argamutti hubatu ,garuu dubbiin akkas miti ifa isinii gochuudhaf mee qorannoo yuuuniveristii Harvard keesssati bara 2016 adeemsifame tokko isiniif haa himuu.qorannoon kuni namoonnii yuuniversiiitii dhaa eebbifamanii bayan akkamitti hujii qabachuu akka danda’an irratti adeemsifame.akka qorannoon kuni ibsutti muxannoofi beekumsi bara barnootaan isaanii hujii akka qabataniif parsantii 15% qofa kan isaan gargaaru yoo ta’u 85% immoo ilaalcha ufiif qabaniifi ufitti amanamummaa ufiif qabaniin dha dalagaa kan qabatan.akkuma qoranicha irraa hubanutti ilaalchi nuti ufiif qabnu murteessaa tahuu agarsiisa mee tokko tokkoon qabxiilee asiin gadii kana haa ilaalluu.
1. Ofi jaaladhu; qabxiin kuni qabxii isa murteessaa jireenya keenya keessati ufitti amanamummaa ittiin guddifnuudha.ufi jaaladhu yoon jedhu ‘selfish‘ ta’i jechuu miti .ufi jaaladhu jechuun eenyummaa keetti amanii nama jabaa waan guddaa biyya lafaa kanaa buusuu danda’u tahuu keetti amani jechuudha.akka naaf hubattu kaniin barbaadu ati biyya lafaa kanarratti qaaliidha ,atiin biroo ardiilee torban kanarra hin jirtu ,si qofaadha malee atiin birooo hin jirtu gara fuuldurattis hin dhalattu.maarree amma ati Addunyaa kanaaf hammam akka qaalii taate hubatteetta jedheen yaada,biyya lafaa kanarratti kan uumamte waan addaa wayii hojjachuuf kanaafuu ufitti amani atiin biroo hin jirtu .ati Addunyaa kanaaf qaaliidha .
2.Namoota mariisisi malee gonkuma akka siif murteessan hin hayyamin . qabxiin kuni ijoodha qalbiin naaf hubadhu jireenya keessatti namoota wajjiin jiraattu wajjiin mari’achuun gaariidha garuu gonkuma akka siif murteessan hin hayyamin dandeettiin kee fi dadhabbiin kee maal akka ta’e kan beeku si male namoota miti.kanaafuu yeroo hundaa dhimma murtee jireenya keetii ufumaaf murteeffadhu.qabxii kanarratti mee seenaa tokko isiniif haa kaasuu. gaafa tokko abbaafi ilmi wajjiin harree tokko oofaa imala isaanii gara gabaatti qajeelchan osoma deemanii qe’ee isaaniirraa xinnoo yoo achi fagaatan namoota taa’an tokkotti dhufan sana booda namoonni sunniin mucaadhaan maaliif abbaa kee lukaan lafa irra akka deemuuf dhiifta inni manguddoo dhaa miti ! harree haa yaabbatu jedhaniin ergas booda mucaanis yaadni keessan sirriidha jedhee abbaasaa akka harree yaabbatu taasise ammas imala isaanii itti fufan erga xinnoo deemanii booda namoota birootti dhufan namoonni kunniinis Manguddoo ufii harree yaabbatee ilmi lukaan lafa deemu erga arganii booda ilaalaa kuni sila abbaa gar jabeessa akkamiti ufiif harree yaabbatee ilma isaa immoo lukaan lafa oofa jedhanii qeeqan manguddichi erga haasawa isaanii dhageeffatanii ka’anii booda ilma koo namoonni kuni dubbii sirrii dubbataaru koottuu harree yaabbadhu jechuun ufiisaaniitii harreerraa bu’an. ammas imala isaanii gara gabaatti taasisaa jiran itti fufan sana booda ammas yeroo gabatti dhiyaatanu namoota birootti dhufan namoonnis ilaali mee kuni ilma jallataa akkamiiti ufiif harree yaabbatee abbaasaa immoo lukan lafa oofa jedhanii hamachuu eegalan. ammas abbaan mucaa haasawa namootaa kana dhagayee innis harree yabbatee ilmasaa wajjiin isaan lachuu harree gubbaa taa’anii imala isaanii itti fufan xinnoo deemanii yoo gabatti dhiyaatan ammas namoonni itti dhufuudhaan sila isin fayyaa qabduu ? maali beeyladaaf hin yaaddanii ?sila isin Rabbiin hin sodaattanii maaf harree nama lamaan yaabbattan ? sanuu akkasittuu gurguraaf gabaa fidaa yaabbattanii jedhaniin. ergas booda namoonni lachuu harree irraa bu’uun harreen lafa deemuu hin qabdu jedhanii harree matarratti baatanii imala isaanii itti fufan.yeroo kana namoonni argan hundi kunniin maraattuudha malee ummata fayyaa qaban osoo ta’anii harreemataarratti hin baatan jechuun karaa gubbaa jalaa dheeksuu eegalan.
Argitee mitii ree jireenya kee keessatti namoonni yoo hiree kee siif murteessu ta’e dhiibbaasaa ? kanaafan jireenya kee keessatti namoota mariisisi malee akka siif murteessan gonkuma hin hayyamin kaniin siin jedhuuf.
3. Namoota dinqisiifachuu; innis qabxii murteessadha ,yoo hirriyyoonni kee waan gaarii hojjatan dinqisiifadhuun,ofitti amanamummaa kee siif guddisaa .
4.Wantoota eenyummaa kee wajjiin hin deemne dhiisuu;osoo dalaguu hin barbaadin namni maali naan jedha jettee hin dalagin.
5. Ofi guddisuu; inni kuni qabxii ijoodhaa ,eenyummaa kee har’aa irraa boru fooyyoftee argamuuf carraaquu qabda.mee fakkeenya tokko wajjiin haa ilaalluu ,namni ispoortii dalagu tokko guyyaa guyyaadhaan osoo addaan hin kutin ispoortii dalaguu isaa itti fufa taanaan waggaa tokkotti jijjiirama qaamaafi amalaas fiduu danda’a eeyyee jijjiirama ajaa’ibaa fida garuu immoo guyyaa tokkottii ispoortii wagga tokkotti hojjachuu qabdu hojjatta taanaan na amani jireenya kee keessatti jijjiirama qaamaas amalaas fiduu hin dandeettu.kanaafuu imala kee guyyaa guyyaan itti fufuu qabda.
6. Didamuu barachuu; tarii namootaan didamuu barachuun akkamitti ufitti amanamummaa keenya guddisa jettee yaadaatta ta’a garuu mee fakkeenyaan siif haa ibsuu gaaf bishaan qorraadhaan nafa kee dhiqachuudhaaf jettu bishaanichi hedduu waan qabbanaa’uuf jalqabarratti sodaachuu malta garuu immoo erga bishaan nafa keetti buuftee daqiiqaa muraasa booda bishaanichi jalqaba akkasitti qabbanaa’u suni sittin beeksisu. ilaali osoo qabbanaa’inna bishaanii sana sodattee nafa kee dhiqachuu dhiifteetta ta’ee boodarra bishaanichi akkan qabbanoofne hin hubattu .kanaafuu namootaan didamuunis jalqaba irratti miidha qaba fakkaatee sitti mul’atuyyuu booddeen isaa akka ufitti amantu si taasisa.yoo namootaan didamte baay’es hin gaddin imala kee qofarratti xiyyeeffadhu ufitti amanaa taata.
7. Ta’iidhaan namoota gargaaruu baradhu ; qabxiin kuni ulaagaa namummaati .nama gargaaruu baradhu gammachuu siif kenna jireenya biyya lafaafi jiruun boodatiifis si fayyada kuni immoo akka ufitti amanamaa taatu si taasisa ‘there’s no greater gift than that of giving one’s energy and time without expecting anything in return‘ kanaafuu namoota gargaaruu baradhu. amaloota torban kanniin jireenya kee keessatti raawwannaan na amani yeroo gabaaba keessatti uffitti amanamummaa horatta.
Master Abinet Kebade