KENNAA UUMAMAA (Sammuu Ilma namaa)

Namaaf, meeshaa hunda caalu, kan uumama hundaayyuu ittiin to’atu Rabbiin sammuu kenneef.
Sammuun namaa kun neuroonii Biliyoona dhibba (100,000,000,000) akkasumas
Narvii gargaartuu (glial cells) Tiriliyoona kudhan (10,000,000,000,000) kan qabuu fi ammas Diyaamenshiinii 1450cm³ qabaachuun, uumama “uggum” nama jechisiisudha; Uggum!

maal kana qofaree , sammuun namaa gurra lamaan gidduu jiru sun, yaadannoo (memory) miliyoona 2.5GB ol kuusuu kan danda’uu fi aangoon isaa (power) 20W dha.

Kun ta’ee osoo jiruu, haa ta’u malee, namni meeshaa isaa kana walqixa itti hin fayyadamne; gareen tokko sammuu isaatti fayyadamuun argannoo addaa uumee, waan amanuufuu nama rakkisu kalaqee, addunyaan kun namaaf mijattuu akka taatuuf gahee isaa bahe; biyya isaas jijjiire ashaaraa isaa dhalootaaf kaa’ee darba .

Faallaa kanaan, gareen biraa immoo kutaa sammuu isaa kana keessatti maal akka hojjetu erga taa’ee xinxalee booda, yaadaa fi qaamaan olii gadi gulufee, jibba, tuffii, hinaaffaa gadaantummaa, haaloo, hin danda’uu, dhibaa’ummaa, dhiphina, tuffii, hamii fi kan kana fakkaatan walitti funaanuun gara sammuu isaa geessee, mana hidhaa guddaa tokko ittiin ijaare. Balbalas itti tolchuun, ol seenee marmaratee keessa taa’a .

Kutaa mana hidhichaa keessa barreeffamni inni barreesse, baay’eetu jiru. Barreeffamoota sana keessaa gariin akkana jedhu:
Maafan gabaabadhee?/ dheeradhee?
Har’a abalu maal naan jedhee?
Nama hundumaa gammachiisuu wayyaa?
Har’a sa’aatii koo eessattan gubaa?
Ciisi, ka’i, nyaadhu;
kanuma sadan irra deddeebi’aa jiraadhu”…
kan jedhuu fi kan kana fakkaatan argitu!

inni kuuni ani waan haaraa uumuuf hin uumanne,ani gonkuma waan addaa uumuu hin danda’u jechuun sammuu isaatti himaa oola.

Mee of haa ilaallu! meeshaa Rabbi nuuf kenne kana, mana hidhaa gochuu dhiisnee, mana kalaqaa haa taasisnu;

Ilaamee,
Bakkuma jirtu irraa ka’ii kutannoo horadhu; kutannoo dhaabbataa! Beekumsa dheebodhu; Dubbisii dhugi! dhugi, ammas hin quufin dhugi;
karoorsi hojiitti hiiki; yoo kufe irra deebi’ii yaali; irra deddeebi’ii yaali! Yoo kufte awwaara kee hurgufadhuu ka’i; fuulduratti deemi! Mudannoon kee muuxannoo malee gaabbii akka siif hin taane dursii toobbadhu!

Na amani! Ati shaakaluu hin nuffin malee, guyyaa tokko isa sitti ulfaate sana, qullaa dhaabda! Yoom akka kuftu beektaa? Gaafa yaaluu dhiistedha.

Kutannoon kaanan, bakka hin yaadamne ni geessa! Eeyyeen, ni dandeessa!

Leave a Comment