Abjuu kee milkeessuuf hamma xumuraatti yaalaatta taanaan na amani ati milkoofteetta .
Dhalli namaa kamuu biyya lafaa kanarratii waan milkeessuuf hawwu qaba.Eeyye hunduu ni hawwa galma gahuu barbaada abjuusaa milkeessuu barbaada garaagarummaa kan uumu garuu namni kuni abjuusaa milkeessuuf wareega hammam kaffalaara ykn immoo kaffaluuf qophiidhaa ? isa jedhuudha. Jireenya biyya lafaa kanarratti gufuulee hedduutu nama mudata namoonni hedduun gufuu kanaan sakaalamanii abjuusaanii dagatu osoo galmaan hin geenye hafu namoonni muraasni immoo gufuulee isaan mudatu hunda moo’atuun milkaa’oo jedhamuun maqaasaanii guutuu Addunyaatti waamsisu.Eega atiin barruu kana dubbisaattus milkaa’aa tahuu barbaadda taanaan barreeffamni kuni siif barraa’e. Akkuma mata duree gubbatti Ofi Eegi jechuun eegale milkaa’aa tahuu barbaadda taanan eeyye ofi eegi.Ofi eegi yoon siin jedhu tarii maal irraa ofi eega jettee na gaafachuun kee hin oolu kanaafuu milkaa’aa tahuudhaaf wantoota daandii milkaa’inaa sitti cufan hundarraayyuu ofi eegii. Mee ammas fakkeenyaan siif haa ibsuu ati barataa taatee Abjuun kee Doktara ta’uu yoo ta’ee akkasumas kaayyoo Doktara tahuu osoo dhuma qabdu amalli kee nama yeroo hedduu taphaan sa’aati gubu nama sa’aatii hedduu rafuu jaalatu akkasumas nama jaalalleesa wajjiin sa’aatii hedduu taphaan dabarsuu baay’isu yoo taate Abjuu kee isa Doktara tahuu sana milkeessuuf wantoota kanneen hundayyuu osoo dhuma jaalattu Abjuu keef jecha dhiisuu qabda akkas hin tahu taanaan gonkuma Abjuu kee isa Doktara tahuu sana milkeessuu hin dandeessu.Amma siif galee miti ?Abjuu kee milkeessuf wantoota hedduu osoodhuma keessi kee raawwadhu siin jedhu Abjuu kee irratti dhiibbaa qaba taanaan dhiisi gonkuma hin raawwatin xiyyeeffanna kee Abjuu keerra godhi Barataan Doktara tahuu barbaadu tokko sa’aatii isaa dubbisaan dabarsuu qaba akkasuma namni Dureessa tahuu barbaadus sa’aatii isaa hojiidhaan dabarsuu qaba kanaaf yeroo hundaa bakka hundattuu wantoonni ati hojjattu akkasumas daandiin ati irra imaltu kan gara Abjuu keetti si geessu ta’uu qaba.
