Seenaa Dhugaa Jireenya Namaa Jijjiiru

Barreeffamni kun nama abdii kutannaa keessa jiruuf qorichaa

Maqaan isaa guutuun Nicholas James Vujicic jedhama. Bara 1982 (G.C) biyya Awustiraaliyaatti dhalate. Seenaan jireenya isaa ‘Wikipedia, the free encyclopedia’ irratti barreeffamee jiru akka ibsutti, wayita inni harkaa fi miilla guutuu hin taane waliin dhalatu maatiin isaa ogeessa fayyaa harkattillee isa ilaaluu jibbanii turan jedha.seenaa ajaa’ibaati

Haala kanaan dhalachuu isaatti kan gaddan maatiin Vujicic, boodarra akka carraa Waaqa biraa isaaniif kennameetti hubatan. Namni kun harkaa fi miilla guutuu malee dhalachuun isaa hanguma inni jabaachaa adeemun miira isatti hin tolle keessa isattii uumuu eegale. Dhiibbaan ilaalcha badaa hawaasa biraa isarra gahuu fi haala kanaan uumamuun isaa akka waan uumama addaa namoota kaawwanii gadi ta’e tokkootti akka inni of ilaalu isa taasise. Kana malees, yeroo inni umurii waggaa 10 keessa turetti miira dhiphinaa fi of jibbuu hamaa keessa galee akka ture seenaan jireenya isaa kun ni dubbata.

Haala hamaa fi dadhabsiisaa akkasii keessa utuma jiruu waan tokko hubate. “Ofii koon alatti namni na jabeessuu fi na honnachiisu hin jiru” jedhee ofii isaaf jaalala qabaachuu eegale. Ofii isaa akka nama jaallatamaa fi abdii jireenyaa gaarii qabuutti of ilaaluu itti fufe. Ilaalcha badaa ofiif qabaachaa ture sana ni jijjiire. Jireenya isaaf abjuu gaarii abjoochuu eegale gaafa kana ture biiftuun milkaa’inaa sammuu Nicholas James Vujicic keessatti kan calaqqisuu eegalte.

Nicholas James Vujicic bara 2005 tti dhaabbata idil addunyaa ‘Life Without Limbs’ (Jireenya Harkaa fi Miila Malee) jedhamuu fi dhaabbata ‘Attitude is Altitude’, kan gorsaawwan si’eessoofi fi barsiisoo ta’an kan itti kennamu hundeessuu danda’e. Namni jabaan kun nama harkaa fi miilla hin qabne ta’ee utuu jiruu hojiiwwan gurguddoo ‘ajab!’ nama jechisiisan hedduu hojjeteera. Jireenya isaatiinis tarree namoota milkaa’oo addunyaa keessa taa’uu danda’eera. Nick Vujicic fiilmii ‘The Butterfly Circus’ jedhamu irratti qooda fudhatee hojjeteera. Hojii isaa kanaanis bara 2010 ‘Method Fest Indepeendent Film Festval’ irratti dhiyaachuun badhaasa ‘Best Actor’ gonfatee ture. hubadhu namni milkaa’ina kana hunda gonfate kun isa gaafa daa’imummaa isaatti namni hundi jibbuu kan maatiin isaalle akka waan sababa abaarsa qabaniif ilma akkanaa arganne jedhanii jiraa isaa jibban sana ture eeyye isuma sanatu fiixxee milkaa’inatti oli baye.

Namni harkaa fi miilla hin qabne kun, jireenya dadhabsiisaa akkasii keessa utuma jiruu kitaabota hedduu barreessuunis maxxansiiseera. Keessumaa kitaabni isaa jalqabaa “Life Without Limits” jedhamu afaanota addunyaa kanaa 30 olitti hiikamuun jaallatamummaa guddaa horate. Hanga har’aattis kitaabni kun kitaaba jireenya namaa haalaan jijjiiru jedhamuun baay’ee dubbifamaa jira. Namni qaama hir’uu, garuu immoo mul’ata guutuu waliin dhalate kun biyyoota addunyaa 57 ol ta’an irra naanna’uun haasaawwan nama barsiisan, nama honnachiisanii fi hamilee namatti horan (motivational speech) taasisaa jira. Bakka deemu hundumaatti wayita haasaa taasisu hima jabaa akkas jedhuun eegala: “Haalli kee hangamuu yoo sitti ulfaateyyuu ni injifatta” jedha.

Kitaaba isaa ‘Life Without Limits’ jedhu keessattis yaadni inni barreesse tokko akkas jedha: “Ani jireenyi koo daangaa hin qabu jedheen amana“. Atis kan barruu kana dubisaattu haala kanaan waa’ee jireenya kee akka ati yaaddun barbaada. Gufuuwwan jireenyaa ulfaatoo ta’an kamillee yoo qabaatte haaluma kanaan yaadi. Amma daandii imala jireenyaa wajjiin eegallee jirra. Mee rakkoowwan ati jireenya keetti fidde yookiin akka namoonni biroon sirratti raawwataniif isaaniif heyyamte hunda yaadi. Mee rakkoowwanii fi gufuuwwan jireenyaa kanarraa utuu bilisa taatee maal akka uumuu dandeessu daqiiqaa xinnoo fudhuu itti yaadi.”

Qabiyyee kitaaba isaa kanas ta’e, seenaa gabaabaan waa’ee nama jabaa kanaa waan guddaa tokko nama barsiisa. Innis abdii kutachuu dhiisuu dha. Ati inni seenaa kana dubbisaa jirtus waan ajaayibaa tokko akka irraa hubattu shakkii hin qabu. Yaada kee keessattis milkaa’ina nama harkaa fi miilla malee dhalate kanaa fi seenaa jireenya kee waliin madaalchisaa akka jirtu nan amana.

Inni eessaa ka’ee eessa ga’e?’ jettee of gaafachuun, atis eessaa ka’uun eessa ga’uu akka qabdu yaadaa jirta jedheen amana. Eeyyee, anis akkuma ati akkasitti yaaddu barbaadeen seenaa kana haala kanaan qindeessee siif dhiyeesse malee, waa’ee miidhama nama kanaatiif gadditee akka ati hidhii xuuxxuuf miti. Inni har’a nama namni gaddeefii ‘anaa nyaatu!’ ittiin jedhu miti.

imala kee daandii milkaa’inatti adeemsiftu ammuma eegali gonkuma addaan hin kutin na amani yeroo gabaabatti milkaa’ina arguuf jirta.

Leave a Comment